Teenna malee
,Tiyyaan Fagoo
hindhayxu!
Welcom to American Oromo Community
of Minnesota!
                     Dhihaadhaa!
Hawaasa Oromoo Ameerikaa Minisootaa!
Hawaasa Oromoo Ameerikaa Minisootaa.



   Eennummaa Hawaasa Oromoo Ameerikaa Minisootaa.
                   (American Oromo Community of Minnesota)

 Hawaasni Oromoo Ameerikaa Minisootaa, (American Oromo Community
of Minnesota)n Dhaaba Hawaasaati.Ka tajaajila adda-addaa, waan gara-
garaa ka jireenna Ilma-Namaatiif Bu’uraafii Kortoo jireennaa tahaniin
Ummata Oromoo tajaajiluuf murteeffatee ijaarame waan taheef akkasitti
hubatamuu qaba!

Dhaabni Hawaasaa kun, Heeraafii Seera Mootummaa Ameerikaa eegee,
kabajee ka Bu’ureeffameefii ka socho’aa jiru waan taheef,Gaaddisa
Heeraafii Seera Mootummaa Ameerikaatiin golgamee hujii tataajilaa, ka  
ummata Oromootiif kennu geegessa.Akkasuma, Ulaagaa Mootummaan
Ameerikaa Dhaabolee Hujii  Tajaajila Ummataa kennuuf dhaabatan irraa
barbaaddu hundumaa guutuudhaan, hayyama Hujii Tajaajila Ummataa,  
Mootummaa Minisootaatiifii Mootummaa  Federaalaa irraa baafateen waan
hojjatuuf, Mirgi dhaaba kanaa Heera Mootummaatiin ka eegameefii ka
utubame waan taheef,Jireenni isaatiifii Hujiin isaa, ka  Dhaabni kun
Guyyaa-irraa Guyyaatti  Ummata Oromootiif  kennu (Tajaajilu)haalaan
cululuqaadha.





Akkuma armaa olitti barreeffame, maqaan dhaaba kanaa Hawaasa
Oromoo Ameerikaa Minisootaa, yookaa,Afaan Ingiliiziitiin American Oromo
Community of Minnesota jedhamee  waamama.Maqaan kun, Maqaa
Seeraati. Maqaa Heeraafii Seera Mootummaa Ameerikaatiin beekamee
utubame. Ulaagaa Mootummaan Dhaabolee Tajaajila Ummataa kennuuf
dhaabatan  irraa barbaaddu marumaa guutuudhaan,hayyama hujii
Tajaajila Ummataa,  ka Mootummaa irraa baafateen walqabataadha.
maqaan  Hawaasa Oromoo Ameerikaa Minisoota ( Ameerikaan Oromoo
Community of Minnesota) jedhamu kun,Maqaa dhaabni  moggaafatee
Mootummaa biratti ittiin beekamu.Maqaa Hallanyaa yagutoo hinqabne ka
dhaaba kana qofaaf Heeraan moggaafamee Mootummaa biratti
galmeeffame.Kanaafuu, Maqaan Hawaasa Oromoo Ameerikaa Minisootaa,
Yookaa (American Oromo Community of Minnesota) jedhamee beekamu  
kun,Maqaa tokkicha   dhaaba kana qofaaf  Heeraan kenname, ka dhaaba
kana malee dhaabni biraa ittiin waamamuufii akka haarawaattillee ufitti
moggaasuu hindandeenne jechuudha.

Tajaajila kaluufii Fagoo.

Hawaasni Oromoo Ameerikaa Minisootaa, (American Oromo Community of
Minnesota)n, Sagantaa isaa keessatti xiyyaafannaa gara-garaa irratti
fuuleffate.

.Hiyyummaa, Wallaala, Dhukkuba gara-garaa irratti duuluuf, dhaabolee
dhimma kana irratti  xiyyaafatanii Adunya keessa socho’aa jiran waliin
qunnamee  ummata Oromootiif carraa jireenna Ilma-Namaatiif hundee tahe
akkaataa itti argamsiisuufii, Rakkoo hundee jireenna Ilma-Namaa roraaftu
akkaataa itti dhabamsiisu irratti hojjata.

Fakkeennaaf:  Hiyyummaan, Wallaalli, Dhukkubni gara-garaa, Dheebisaafii
Beelli waan hundee jireenna Ilma-Namaa dukkaneessuufii laamshessu   
keessaa tokkoofii isa duraati.
Waan kana taheef, Hawaasni Oromoo Ameerikaa Minisootaa, kanaafii
waan kana fakkaatu irratti duuluudhaan jireenna ummata Oromoo Biyyaa
keessaa (Oromiyaa) wayyeessuuf karoorfatee socho’a.   

Hawaasni Oromoo Ameerikaa Minisootaa,dhaaba Siyaasaatiimiti.
Dhaabolee Siyaasaa geegesan tokkollee waliin hidhata hinqabu.Dhimma
Siyaasaa Ummata Oromoo laalu irratti yaada mataa isaa qulqulluu ka
dhiibbaan Alaa tokkollee keesa hinjirreen hin’ibsata.
Waan jireenna Ummata Oromootiifii Ummatoota biroolleef gaaridha jedhee
amanu hundumaa sodaa tokkoon maleetti yaada isaa kennata.Waan
gargaaruu dandahu ka jireennaafii nagaya ummataatiif bu’aa qaba jedhee
amanu hundumaanuu hingargaara, bira dhaabatalleedha.



     Imaammata Hawaasa Oromoo Ameerikaa Minisootaa.

    Guddinnaafii Dagaaginna Ummata Oromootiifii Oromiyaa
   Fuul’duratti tarkaanfachiisuuf saganteeffate keessatti tajaajila
   Armaa gadi jiru kanallee hujii irra oolchuu jalaqabee jira.
   
1.* Dachiin Oromoo hingurguramtu, yaada jedhu irratti hundaahee
utubuun,
Oromoon Biyyaa Alaa jiru  Biyya isaatti deebi’ee haala hammayyaan
ufqubsiisuu qaba.Diinaggeefii Beekkumsa, mooyxannoo gara-garaa ka
Biyya Alaa irraa horate Oromiyaattiin galee Ummata Oromoo gargaaree
Oromiyaa Misoomsuu qaba!Biyya isaa keessatti jireenna isaa wayyeessee
jireenna Ummata Oromoollee wayyeessuufii qaba.

2.* Dachiin Oromoo gurguramuun, Alagaa yookaa Diina Ummata
Oromootiif bu’aa qaba malee Ummata Oromootiif bu’aa hinqu.Lafa Oromoo
Alagaatti (Diinatti) gurguruun Oromoodhaaf kasaaraa guddaadha.Karaa
gabaabaan dabarsanii Diina badhaasuu taha.
Diinni Dachii Oromoo saamuuf marxifatee halakaniifii guyyaa iyyaa jiru,
karaa maraan itti uflaalee tooftaa gara-garaatiin socho‘aa jira, “Heera Lafa
Bituufii Gurguruu” ka sirna  Nafxanyaan durii itti fayyadamaa ture san
deebisuu qabana   jedhee  karaa saniin Dachii Oromoo Oromoota irraa
bitanii Lafa Oromoo dhuunfatanii Oromiyaa diiguuf murteeffatuun isaa
hinyaadatama. .“Ummanni Oromoo “Callaa Mallaqaa” yoo barbaade, Lafa
isaa nutti guguree “Callaa Mallaqaa” yaroodhaaf haa argatuu,Nuti ammoo
Dachii isaa dhaaluu qabna” yaada jedhu imaammatanii ka’an.Imaammanni
Diinaa kun jireenna Ummata Oromootiif hedduu sodaachisaa akka tahe
beekamaadha.

3.* American Oromo Community of Minnesota (Hawaasni Oromoo
Ameerikaa Minisootaa) Qabxii tokkoffaa(1ffaa) haalaan jaalata,
hindeeggara,qabatamaan hujii irraa oolchuufis imaammatee jira.Qabxii
lammaffaa haalaan jibba, hinbalaaleffata, Lafti Oromoo gurguramtee
“Callaa Mallaqaa” ka yarootti geeddaramtee Diinaan akka
hindhuunfatamne dura dhaabata.

4.* American Oromo Community of Minnesota ( Hawaasni Oromoo
Ameerikaa Minisootaa), Ummanni Oromoo “Callaa Mallaqaa) harka isaatti
galfatuuf Lafa isaa gurguruu osoohintahin, Oomisha Lafa isaa irraa
argatuun tahuu qaba jedhee amana. Kanaafis imaammata saganteeffate
qaba.Fakkeennaaf, qabeenni Oromoon Biyya Alaatti qadhaabateefii,
Barmootaafii Mooyxannoon Biyya Alaatti horatamee kuufame hundinuu
Biyyatti deebi’ee Oromiyaa keessatti hujii irra ooluu qaba. Ummata Oromoo
gargaaree abbichallee caalaatti gargaaruu qaba imaammanni jedhu
sagantaa Hawaasa Oromoo Ameerikaa Minisootaa Ummata Oromoo
gargaaruuf xiyyeeffate keessaa isa tokko. Hawaasni Oromoo Ameerikaa
Minisootaa, Dhaaba tajaajila Ummataa kennu (Community Service
provider) waan taheef,Hiyyummaafii wallaala Ummata Oromoo mudate  
hamma tokko irraa salphisuuf waan dandahuun bira dhaabatuuf
qophaahee jira.

Oromoon Ummata isaa maddii dhaabatee tajaajila Hawaasummaa
hirmaatuuf hawwii qabu martinuu fedhii isaa hujiidhaan argisiisuu qaba.
Kanaafuu, qabxii Tokkoffaatiifii Lammaffaa irra deebi’ii dubbisi.Qabxii
Tokkoffaa gargaaruudhaan, qabxii Lammaffaa, ka Lafti Oromoo karaa
“Bittaafii Gurgurtaatiin” Ummata Oromoo Harkaa baatee Alagaa Harka
akka seentuuf hamilame sun hujii irra akka hin’oolle yoo barbaaddan,
qabeenna keessaniin  Oromiyaa keessatti waa ijaaruun bu;aa hedduu
Ummata Oromootiif argamsiisa  jennee amanna. Dachii (Lafa Oromiyaa)
qabeenna keessaniin guutaa uwwisaa Oromiyaa gabbisaa. Bu’aan kanaa,
abbicha bira dabree  ka Ummta Oromoo taha jechuudha.Mana Ijaaruun
qoftinuu qooda  guddaa qaba. Kanaafii waan kana fakkaatu godhuu namni
barbaaddan, Hawaasa Oromoo Ameerikaa Minisootaa qunnamaa. caalatti
hubadhaa keessa baraa.

Teessoon Hawaasa Oromoo Ameerikaa Minisootaa:
-------------------------------------------------------------------------
Lakkooysi Bilbila Waajjiraa,(651)644-4166.

Hawaasa Oromoo Ameerikaa Minisootaa.gf